DEEBITEE DHALACHU KEE asosamaa jaalalaa fi qabsoo jireenyaa kan seenaa dhaloota Oromoo har’aa irraa madda. Kitaabni kun jaalala nama lamaa qofa osoo hin taane, jaalala saba, eenyummaa, afaan, fi obsa dhaloota gubbaa fi gadi walitti hidha.
Bontuu fi Ibsaan barattoota Yunivarsitii Haroomayaa keessatti wal argan. Jaalalli isaanii barnoota, rakkoo siyaasaa, hidhaa, dararaa, fi imala jireenyaa hamaa keessa darbuun qorame. Jaalalli isaanii jaalala dhuunfaa qofa osoo hin taane, jaalala sabaaf falmu, afaan ofii kabaju, fi eenyummaa hin gurguramne calaqqisiisa.
Asosamaan kun:
Jaalala qulqulluu fi obsa yeroo dheeraa
Qabsoo eenyummaa Oromoo
Miira barattoota yunivarsitii
Seenaa dhugaa fakkaatu kan yeroo keenya ibsu
namoota dubbisan gara yaada gadi fagoo seensisa.
DEEBITEE DHALACHU KEE seenaa “deebi’ee dhalachuun” jechuun, eenyummaa ofii argachuu